ch
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

前往频道在 Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

显示更多
561 287
订阅者
+724 小时
-2397
-63030
帖子存档
照片不可用在 Telegram 中显示
#ODUU #DINQISIISAA Kooriyaa Kaabaatti guuyyaa 10f Namni kolfe du'aan Akka adabamuu himame. Kunis Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa yaadannoo waggaa 10ffaa du'a abbaa isaa kabajuuf guyyaa 10f namni akka hin kolfine waan jedhameef Akka ta'e ibsame. Haaluma kanaan Namni osoo kolfuu qabame murtiin du'aa itti murtaa'aa jedhame. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
🤩 88😭 46 33🤬 9😱 5👏 4🤯 4🆒 1
照片不可用在 Telegram 中显示
Poolisiin Finfnnee namoota Bittaafi gurgurtaa maallaqa sobaa irratti namoota bobba’anii turan to’achuu beeksise. Finfinneetti namoota nootii maallaqaa sobaa maxxansuun gara gabaatti seensisuuf turan Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lidataa Aanaa torba bakka addaa Hoteela Asab jedhamutti maallaqa kanaa waliin to’annaa jala oolchuu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise. Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Lidataa, namootni Naataaniim Fitsumfi Mikiyaas Dhaabaa jedhaman eessaa argami isaa kan hin beekamne nootii qarshii maallaqaa kuma kudha shan qarshii nootii dhugaa ta’e birrii kuma saddeetiin utuu gurguruuf jedhanii eeruu ummata biraa dhufeen hordoffiin taasifamee to’annoo jala oolchuu ibseera. Poolisiin akka ibsetti sakatta’iinsa tasaa namoota kana irratti taasifameen, nootii qarshii abbaa dhibba lamaa 75, jechuun, qarshii nootii sobaa kuma kudhanii shan argameera. Poolisiin ammatti qorannoo jalqabuu kan ibse yoo ta’u, maxxansifi raabsiin qarshii nootii sobaa kun diinagdee biyyaa irratti miidhaa kan geessisu ta’uus akeekkachiiseera. Yakka kana to’achuufis dursee socho’aa akka jiru kan eere poolisiin Finfinnee, hawaasnis dursee eeruu akka laatu gaafatee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
27
Barattooti full stack website development fi mobile app development lafa feetan teessanii hojii keessaniifi barumsa keessan haala hin miineen barachuu feetan galmeen xumuramaa jira sababa ta’eef @jonamiyet qunnamuun galmaa’aa. Galmaa’uuf Laptop/Desktop qabaachuun ykn argachuu danda’uun dirqama. Ibsa ballaa argachuuf as tuqaa Galmaa’uuf as tuqaa Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
103👍 18🔥 7🥰 7🤩 4👏 3
照片不可用在 Telegram 中显示
📢 MAATII MIIDIYAA ABDII SABAA MARAAF SAGALEE UUMMATAAF! Kabajamoo fi Jaallatamoo Hordoftoota Miidiyaa Abdii Sabaa, Biyya keessaa fi alaan, Aardiiwwan addunyaa mara irraa, akkasumas naannolee Oromiyaa fi Itoophiyaa garaagaraa keessaa taatanii sagalee haqaa kana hordofaa kan jirtan, nagaan keenya bakka jirtanitti isin haa ga’u. Kaayyoo fi Mul’ata Keenya Akkuma beekamu, Miidiyaan Abdii Sabaa erga hundeeffamee kaasee, rakkoo saba bal’aa dhaggeeffachuu fi sagalee ta’uudhaan, dhugaa fi haqa irratti hundaa’ee tajaajilaa tureera. Keessumattuu, rakkoolee hawaasummaa, siyaas-diinagdee fi bulchiinsa gaarii wajjin walqabatan gadi fageenyaan qorachuun, miira itti-gaafatamummaa fi amanamummaa guddaadhaan furmaata akka argatan taasisuu irratti shoora ol’aanaa taphachaa turuun isaa ni yaadatama. Kutannoo Haaraa fi Waamicha Hawaasaa Miidiyaan keessan, miidiyaan Abdii Sabaa, kaleessas ta'e har'a, borus ta'e yoomiyyuu; dhugaa sabaa baasuuf, roorroo saaxiluuf, fi rakkoo hawaasaa furuuf onnatee hojjechaa jira. Nuti kan dhaabbanneef, sagalee warra sagalee dhabaniif ta'uufi. Erga hojii jalqabnee, rakkoowwan dhokatoo kumaatama qilleensarra oolchuun furmaata akka argatan gochuun keenya, gammachuu fi hamilee guddaa nutti horeera. Ammas ciniinnannoo daran cimaadhaan hojii keenya itti fufneerra. Yeroo ammaa kana, fedhii hawaasni keenya odeeffannoo qulqulluu argachuuf qabu guddaa ta’uu hubachuun, akkasumas rakkoolee wal xaxaa ta’an saaxiluuf, ciminni keenya kan kanaan duraa caalaa akka dabaluufi Mull'ata guddaa kana galmaan ga’uuf qoodni keessan murteessaadha. Kanaafuu, hordoftootni keenya ijaaf gurra taatanii naannoo keessan irraa ragaa qabatamaa nuuf erguun shoora keessan akka baatan kabajaan isin gaafanna. Dhimmoota Akkamii Irratti Odeeffannoo Nuuf Erguu Dandeessu? Dhimmoota armaan gadii irratti Yaada, Qeeqa, Ragaa fi Iyyaafannoo qabdan kamuu nuun ga’uu dandeessu: * Mudannoo: Mudannoowwaniifi taateewwan uumamaafi namtolchee naannoo keessanitti uumaman kamuu. * Tajaajila Mootummaa: Rakkoo bulchiinsa gaarii manneen hojii mootummaa keessatti (malaammaltummaa, loogii, tajaajila laaffisuu). * Dhaabbilee Miti-Mootummaa fi Dhuunfaa: Dhiibbaa mirga hojjetaa ykn tajaajila hawaasaa irratti dhimmoota sirraa’uu qaban. * Dhimmoota Gargaarsaa: Namoota ykn hawaasa deeggarsa ariifachiisaa barbaadan ilaalchisee. * Dhimma Barnootaa: Rakkoolee Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa hanga Dhaabbilee Barnoota Olaanoo (Yuunivarsiitii) keessatti mul’atan (hanqina bu’uuralee, rakkoo bulchiinsaafi kkf). * Dhimma Barsiisotaa: Rakkoolee mirgaa fi dirqama barsiisotaa wajjin walqabatan. Akkamitti Nu Qunnamtu? Odeeffannoo keessan iccitii guutuun kan eegamu yoo ta’u, karaa Linkii Telegiraamii armaan gadiin kallattiidhaan nu qunnamuu dandeessu: 📩 Username: @AbdiiSabaaSupport SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
205👍 25🔥 9🥰 3😱 3
Maaster Abinnet Dhukkubsachuun isaa ibsame. ‎“Haadholiin Itoophiyaa Waaqa naaf kadhadhaa" jechuudhaanis dubbate. Haadholii boo’an waliin boo’a, dhukkubsataa waliin dhukkubsata. Uummata balaa uumamaan miidhamaniif dursee dhaqqaba. Maaster Abinnet Kabbadaa jireenya isaatu kana. Baatii tokko keessatti birrii miliyoona 30 walitti qabuun namoota 5 yaaliif gara biyya Hindiitti ergeera. Amma garuu ofiisaayyuu dhibee hamaaf saaxilameera. Maaster Abinnat dhibee dubbachuun ibsuu hin dandeenyeef saaxilamuu hime. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
😭 607 169💔 65👍 19😨 19😱 12😢 11🥰 5🤯 5👏 3🔥 1
照片不可用在 Telegram 中显示
ODUU AMMEE: Tiiktooker Adoonay Hiikame. Poolisii federaalaatiin to'annoo jala oolee kan ture Tiiktooker Adoonay Hiikamuu Isaa namnii Isatti dhihoo ta'ee nuun ga'eera. Guutummaa odeffannoo kanaa kan isin biraan geenyu ta'a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
👍 257 183😭 47👏 28🤯 16🤬 12🙏 7🥰 4💔 3🤝 2🕊 1
Barattooti full stack website development fi mobile app development barachuu feetan galmeen xumuramaa jira sababa ta’eef @jonamiyet qunnamuun galmaa’aa. Galmaa’uuf Laptop/Desktop qabaachuun ykn argachuu danda’uun dirqama. Ibsa ballaa argachuuf as tuqaa Galmaa’uuf as tuqaa
显示全部...
94👍 21
照片不可用在 Telegram 中显示
Heyyamni dhaabbilee tapha ispoortii (Betting) hundi haqame Tajaajilli Lootarii Itoophiyaa heyyama dhaabbilee beetingii ispoortii, taphoota garaa garaa intarneetiin taphachiisan Akka haqamuuf murteessuu ifoomse. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
198😭 82👏 15👍 14😱 9🤩 5🤬 3
照片不可用在 Telegram 中显示
Amajjii 23 irraa eegalee labsiin itti fayyadamaa fi oomisha pilaastikaa hojiirra oola jedhame Amajjii 23 irraa eegalee adabbiin seeraan tumame guutummaatti hojiirra kan oolu tahuu fi yeroon ce’umsaa labsichaaf kenname xumuramuu isaa Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itoophiyaa beeksisee jira. Labsichi pilaastikii fayyadamuu, oomishuu, galchuu fi gurguruu seeraan ugguruun, balaa naannoo ittisuuf kan karoorfame ta’uu ifoomseera. Labsii kana jalatti, qaamni Korojoo pilaastikii (peestaalii) Fayyadamuu fi qabatee argame birrii 5,000 hanga 10,000 akkasumas, Oomishuu, galchuu fi gurguruun immoo birrii 50,000 hanga 100,000 fi hidhaa hanga waggaa 5 akka adabsiisu seerri Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itoophiyaatiin tumame nii muldhisa. Oomishtoota korojoo pilaastikaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu yeroo ce’umsaa ji’oota hedduu kennameefiin seera kanaaf qophii gahaa akka taasisan hubachiifamuu ibsameera. Haa ta’u malee, oomishtoonni muraasni yeroon ce’umsaa gahaa akka hin taane ibsanii turanis, mootummaa irraa deebiin kennameen yeroon ce’umsaa Amajjii 23 akka xumuramu ifatti beeksifamuu gabaafameera. Abbaan taayitaa kun, labsichi balaa naannoo hir’isuuf, fayyaa uummataa eegsisuu fi qulqullina naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu isaa hubachiisuunsaa kan yaadatamudha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
136👍 11🔥 6🤩 6🤯 4👌 1
照片不可用在 Telegram 中显示
Itoophiyaa keessaatti Tibba kana dhimmi Wal qunnamtii saala Wal fakkaataa dhimma namoota dhuunfaan walqabsiifamee bal'inaan ijoo dubbii ta'e dubbatamaa jira. Haa ta'u malee Waa'ee saalqunnamtii saala walfakkaataa kana irrattii seerri yakkaa Itoophiyaa maal jedha?kan jedhu hubannoo muraasa Akka argattaniif haala armaan gadiitiin isiniif qindaa'eera Itti dhihaadha. Itoophiyaan biyyoota saalqunnamtiin namoota saala walfakkaataa qaban gidduutti raawwatamu dhorkaa itti ta'e keessaa tokko. Dhimmi jaalala, gaa'ela akkasumas saalqunnamtii namoota saala walfakkaataa qaban gidduutti raawwatamuus yeroo garagaraatti ijoo dubbii miidiyaalee hawaasaa yeroo ta'an mul'ata. Tibba kanas dhimmichi namoota dhuunfaan walqabsiifamee bal'inaan irraa dubbatamaa jira. Garuu Seerri Yakkaa Itoophiyaa waa'ee saalqunnamtii saala walfakkaataa (middiisa) maal jedha? Adam Usmaan, Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baaletti Abbaa Adeemsa Yakkoota Adda Addaa yemmuu ta'an, yakki middiisa (saalqunnamtiin namoota saala walfakkaataa gidduutti raawwatamu) gochaa hanga hidhaa umrii guutuu adabsiisu ta'uu himu. "Seera yakkaa biyya keenyaa bara 1996 bahe keessatti gochoota yakkisiisoo ta'an keessaa tokko saalqunnamtii amala faallaa uumamaa ta'e jechuun kan kaa'amedha" jedhu. Dabaluunis "Kaayyoon seera kanaa gochoota safuu hawaasaaf faallaa ta'ani fi gama amantaafi aadaan fudhatama hinqabne ittisuufi" jedhan. Haaluma kanaan gochaan middiisaa Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 629 jalatti eeramee akka jiru kan himan Abbaa Alangaa Adam, middiisa (saalqunnamtii saala walfakkaataa) fi gochoota biroo kabaja qulqullummaaf yookiin amala gaariifi safuu hawaasaaf faallaa ta'an rawwachuun kan adabsiisu ta'uu himu. Haaluma kanaan "Namni kamiyyuu nama biroo isa waliin saala walfakkaatu qabu waliin miiddisa yookiin gocha biroo kabaja qulqulluummaaf, safuuf yookiin amala gaariif faallaa ta'e kan raawwate yoo ta'e hidhaa salphaadhaan ni adabama" jedha keeyyatichi. Haa ta'u malee dhimmoonni haalawwan yakkichifi adabbiin itti cimu seera yakkaa keewwata 630 jalatti tarreeffamanii jiru. Haaluma kanaan dhimmoota adabbii cimsan keessaa tokko yakki kun rakkina maallaqaa yookiin gadda sammuu nama biroo fayyadamuun kan raawwatame yoo ta'e akka ta'es himu Dabaluunis namni yakkicha raawwate miidhamaaf bulchaa, guddistuu, eegduu, barsiisaa, hojjechiisaa yookiin mindeessaa yoo ta'e yookiin hariiroo walfakkaataa biroo qaban seeraan ala fayyadamuun gocha middiisaa yookiin kabaja qulqullummaaf faallaa ta'e yoo raawwate/tte hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen akka adabamu/tu himu. Haalli ulfaataan yemmuu mudatu immoo hidhaa cimaa waggaa 10 hincaalleen akka adabsiisus himan. Gama biraatiin keeyyata 630 lakkoofsa 2 jalatti immoo yakkichi humna, doorsisa, dirqisiisuu, daba yookiin gowwomsuu fayyadamuun yoo raawwatame yookiin immoo of irraa ittisuu dadhabuu, humna dhabuu yookiin of wallaaluu miidhamtichaatti garmalee kan fayyadame yoo ta'e hidhaa cimaa waggaa 3-15 gahuun adabsiisa. Dabalataan "balleessichi miidhamaa yookiin miidhamtuu kan darare yookiin gochaan garajabinaa yoo raawwatame yookiin immoo dhukkuba nafsaalaa akka qabu osoo beekuu kan itti dabarse yoo ta'e hidhaa cimaa waggaa 3 hanga 15 gahuun adabamuu akka danda'u kaa'ee jira" jedhan. Kana malees miidhamaan yookiin miidhamtuun dhiphina, leeyyoo yookiin abdii kutachuu irraa kan ka'ee yoo of ajjeese (ajjeeste) haala walfakkaatuun hidhaa cimaa waggaa 3-15 gahuun akka adabsiisuus Abbaan Alangaa himaniiru. Gama biraatiin middiisaan cinatti kabaja qulqullummaa sarbuun akka adabsiisu seera yakkaa keessatti kan kaayame yemmuu ta'u kunis namni tokko nama isa waliin saala walfakkaataa qabu waliin yoo waltuqqii qaamaa hinmalle yoo raawwatellee seeraan kan adabsiisu akka ta'es abbaan alangaa himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
486👍 53👏 30🔥 20💔 16🤝 16🥰 1🤯 1
照片不可用在 Telegram 中显示
Abbootiin gadaa Oromoo Tiiktooker Adoonay Jaarummaadhaan Akka hiikamuuf guyyaa har'a kana gara finfinneetti deemsa Akka eegalan dhagaa'ame. Abbootiin gadaa Oromoo Tiiktooker Adoonay dabalatee Tiiktookeroonni hidhaman kan biroon jaarsummaadhaan akka hiikamaniif Dhaabbilee amantaa garaagaraa waliin ta'uun gara magaalaa finfinneetti imalaa Akka jiran himame. Aadawwaan ykn bartee biyyi keenya qabdu keessaa tokko jaarsummaa Akka ta'ee fi sirni gadaa ammoo balleessaa adabbiidhaan osoo hin taane dhiifama ykn araaraan rakkoowwan jiran furuudhaan beekaamas jedhame. Odeffannoon Dhimma kana ilaalchisuun nu qaqqabee hammaaf kana yoo ta'u Itti dhiheenyaan hordofnee kan isin biraan geenyu ta'a SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
438🤬 121🤩 63👍 37😢 31🤯 17😨 14🔥 9🥰 8🤗 8🫡 6
照片不可用在 Telegram 中显示
Dhukaasa Yunivarsiitii US keessatti banameen namoonni lama ajjeefamuun, hedduun madaa'an. Ameerikaa, Yunivarsiitii Birawon keessatti dhukaasa hidhataan tokko baneen barattoonni lama ajjeefamanii, namootni biroon sagal madaa'an. Bulchiinsa odola Rood keessatti dhukaasni kan baname Sambata xiqqaa kutaa barnootaa keessatti wayita qormaatni kennamaa jirutti ture. Yunivarsiitichi US keessatti warra angafa jedhamaniifi beekamtii guddaa qaban keessaa tokko. Sababaa hidhataan haleellaa kana raawwate ammallee barbaadamaa akka jiruufi Yunivarsiitichi cufamuutu gabaafame. Barattootni mooraa Yunivarsiitichaa jiran hanga Poolisiin dhufee isaan baasutti dahatanii akka turan akeekkachiifne kennameera. Aanga'oonni hospitaala odola Rood kanneen mada'aanii waldhaansarra jiran hedduun haala hamaa keessa jiraatanis garuummoo tasgabbii qabuu jedhaniiru. Aanga'oonni ammatti eennummaa namoota du'aniifi madaa'anii jiran ifa hin goone. Guyyaan akkasii kun hawaasa keenyatti ni dhufa jennee yaadnee beeknu. Kuni hunda keenyaaf guyyaa hamaadha'' jedhan Pireezidaantiin Yunivarsiitichaa Kiristiinaa Paasan. Poolisiin namni yakka kana raawwate dhiira ta'uu malee eenyummaasaafi kaayyoosaa ilaalchisee odeeffannoo bal'aa hin kennine. Yunivarsiiticha waliin hariiroo shakkamaan kun qabaachuu malus hin eerre. Kaameraan CCTV hidhataan kun haleellaa raawwachuu booda mooraa keessaa yeroo bahu agarsiiseera. Garuummoo fuullisaa hin mul'atu. Hoggaanaa itti aanaan Poolisii naannichaa shakkamaan guutummaatti uffata gurraacha akka uffatee tureefi tarii maaskiis akka haguuggate himaniiru. Meeshaan waraanaa hidhatee ture maal akka ta'e adda hin baane, meeshichis hin argamne jedhan. Piroofeesarri muummee ikonomiksii tokko yaada miidiyaa naannichaaf kenniteen karaa gargaartuusii barattootaaf qorumsi wayita kennamaa jirutti dhukaasni irratti baname. Dhukaasichi mana barnootaa Injineeringii keessatti gamoo darbii tokkoffarratti raawwate. Hidhataan kun kutaa qormaataa bal'aatti ol lixee wanta bariisiistuun kun ammatti hin yaadanne tokko jechuun erga cookee booda dhukaasuu eegale. Wayita kana barattootni dhukaasa jalaa gadi jechuufi baqachuuf yaalaniiru. Kutaa teessuma akka isaadiyeemii qabu jala dhokachuuf wayita yaalan ajjeefamaniiru jette barsiistuun kun. Poolisiin gamoo haleellaan kun irratti raawwate qulqulleessuus shakkamaas, meeshaa shakkamaan qabatee tures argachuu hin dandeenne. Yunivarsiitiin maqaa guddaa qabu kun barattoota 11,000 barsiisaa jira. Haleellaan irratti raawwatame kun lakkoofsa haleellaa hidhataan bara kana keessa biyyattii keessatti raawwate 389n gaheera jedha marsariitiin Gun Violence Archive jedhamu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
266💔 28😭 16👏 11🥰 3
#Deeggarsa #Namoomaa #Ariifachiisaa. Namni suuraa isaa armaan gadiitti argitan Kun B/sa Mirgisaa Araarsoo Diimaa jedhamu. Barsiisaan kun Godina shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaanitti kan dhalatan yemmuu ta'u, barnoota isaanii sad.1ffaa Aanaa itti dhalatanitti kan baratanii fi barnoota isaanii Digirii 1ffaa fi 2ffaa Yuunivarsiitii Ambootti barachuun barsiisaa Afaan Oromoo f i Og- barruuu ta'uun bara 2014 Yuunivarsiitii Baahir Daaritti ramadamanii hojjechaa turan Egaa osuma kanaan jiranii Dhukkuba Kaansarii Mar'imaaniitiin qabamanii yaaliin baqaqasanii yaaluu erga hojjetameefii booda gara maatiifi ijoollee isaaniitti siqanii wal'aanamuu qabu jedhamuun Yuunivarsiitiin Baahir Daariifi Yuunivarsiitiin Amboo waliin dubbachuun bara 2015 A.L.I tti gara Yuunivasiitii Ambootti jijjiirraan dhufanii osoo hojii idilee isaanii b/sa Afaan Oromoo ta'anii  hojjechaa jiranii dhibeen isaan duraan yaalamanii fayyan kan Itti deebi'ee ta'uu waayillan isaanii miidiyaa Abdii sabaaf himaniiru. Waayillan isaani Akka jedhanitti yeroo hammaa kana Hospitaala Riiferaalaa Yuunivarsiitii Ambootti baatii Afurii oliif hojii isaanii irraa addaan bahanii ciisanii dhibee kaansarii Mar'imaanii kanaan yaalamaa osoo jiraanii murtii ogeeyyiin fayyaa jedhaniin dhibee isaanii kana irra fayyuuf gara biyya Indii deemanii akka yaalamuu qabaniifi b/saan kun immoo yaalii kana argachuuf ragaa hospitaalli Xiqur Ambassaa barreesseen qarshii biyya keenyaatti gara qarshii Miiliyoona shanii(5,000,000) ol akka barbaachisu itti himamuu nuuf himan. Haa ta'u malee maallaqni barbaachisu Kun humna isaatiin ol waan ta'eef,  deeggarsa harka lammileefi saba isaanii eeggachuuf dirqamanii jiru Kanaaf abdiin barsiisaa kanaa waaqayyoo/Rabbii gaditti harka lammii isaati. B/saan kun abbaa ijoollee xixiqqoo sadii yemmuu ta'an Ijoolleen kun  ija kan hin bananne, hamaaf gaarii adda baasanii kan hin barrefi Ijoollee kana irraa dhukkubsatanii ciisuun hedduu ulfaata! B/saan kun hojii baruu barsiisuu isaaniitiin qaxalee akkasumas gama hawaasummaatiin  xinnaaf guddaa waliin jiraachuu kan beekan,  dinagdeedhaan ofdanda'anii nama nama gargaaru Akka turan waayillan dubbusne nuuf himaniiru. Egaa yeroo hammaa kanatti of yaaluu waan dadhabaniif nutis gama miidiyaa Abdii sabaatiin dhugummaa isaa fi haala barsiisaan Kun irra jiru mirkaneeffannee lammiitu lammiif qoricha jechuudhaan deeggarsi Akka taasifamuuf gara Saba guddaa fi garaa laafinaan beekamu kanatti fiduuf dirqamneerra Kanaafuu Wal gargaaruun aadaa keenyaa waan ta'eef hanga human keessanii barsiisaa kana deeggaruudhaan lubbuu haa baraarruun dhaamsa keenya. Namoonnii gargaaruu barbaaddan lakkoofsa herreegaa maqaa isaaniitiin baname..Mirgisa Ararso Dima. Baankii daldala Itiyoophiyaa: 1000512789227 Baankii Siinqee :1070498020119 Baankii Awaash: 013201388994000 Irratti erguudhaan deeggaruu nii dandeessuu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
428😭 209👍 34💯 2
Barattooti full stack website development fi mobile app development barachuu feetan galmeen xumuramaa jira sababa ta’eef @jonamiyet qunnamuun galmaa’aa. Galmaa’uuf Laptop/Desktop qabaachuun ykn argachuu danda’uun dirqama.
显示全部...
129👍 6
照片不可用在 Telegram 中显示
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee Itoophiyaa adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhame. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, baha, Giddu Galeessaa fi Kibba keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisaa jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’us ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddu galeessaa fi kibba lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganamaa haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
280😢 26👍 19🥰 14🔥 9🤩 7🤯 3
照片不可用在 Telegram 中显示
Mohaammad Saalaa gara garee isaatti ni deebi'a jedhame. Taphataan sarara fuulduraa lammii Masrii Mohaammad Saalaa Biraayitan waliin taphachuuf garee Liivarpuul keessatti hammatame. Mohaammad Saalaah leenjisaa Arne Slott waliin marii gaarii erga taasisee booda gara garee kanaatti deebi'uun isaa gabaafameera. Dhiheenya kana Saalaah yaada isaa hordofuun garee Shaampiyoonsi Liigii Liivarpuul keessaa hafeera. Haalli amma jiru ammallee guutummaatti furmaata kan hin arganne yoo ta'u, garuu adeemsa gaariirra akka jiru gabaafame. Mohaammad Saalaah tapha Biraayitan booda waancaa Afrikaa irratti garee Biyyaalessa Masrii waliin kan hirmaatu taha. Liivarpuul yeroo kana keessatti taatee uumame furuu,haala gaarii akka ta'etti ilaalaa akka jiru himamaa jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
159👍 16🥰 4👌 3👏 2🔥 1😢 1
Poolisiin Nama karaa seeraan alaa boba’aa gurguraa ture to'annoo jala oolchee jira. Kutaa Magaalaa Gullallee, Aanaa 9tti Muddee 2, 2018 guyyaa sa’aatii 7:30 irratti namni maqaan isaa Zarihuun Ibiraahim jedhamu buufata boba’aa irraa beenzila birrii 129’n bituun dhoksaan liitira tokko birrii 200’n gurguraa osoo jiruu qabamuu isaa Waajjirri Poolisiin beeksiseera. Namni dhuunfaa kun mana meeshaalee ijaarsaa kan qabu yoo ta’u, jeerikaanii liitira 20 fi liitira 25 ja’a fi tokko tokkoon gurguruuf liitira lama lamaan 23 qopheessuun mana haadha isaa kaa’ee kan ture ta’uu Poolisiin beeksiseera. Poolisiin Finfinnee ergaa dabarseen, daldalli boba’aa seeraan alaa gocha itti gaafatamummaa seeraa baatu ta’uu fi boba’aan salphaatti gubachuu waan danda’uuf bakka kuusaa isaatii ala walitti qabuun balaa fiduu waan danda’uuf of eeggannoo gochuun akka barbaachisu ibseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
272👍 34😭 21👏 18🤯 9🥰 7
照片不可用在 Telegram 中显示
ODUU AMMEE : Eertiraan miseensummaa IGAD Haqxe. Eertiraan Dhaabbanni Wal-ta’iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa(IGAD) "fedhiiwwan naannichaa guutuu hin dandeenye" jechuun keessaa ba'uu Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa beeksise. Barreessaa olaanaa IGAD'f ibsa kennanin, murtoon Eertiraa kun dhaabbatichi yeroo dheeraf dirqama isaa ba'achuu dadhabuufi gochaalee Gaanfa Afrikaa miidhan raawwachuu isaa hordofeeti jedhan. Eertiraan bara 1993 biyyoota biroo waliin ta'uun IGAD deebi'ee akka cimu taasisuun "shoora guddaa" taphatteerti jechuun, kunis dhaabbatichi walitti hidhamiinsa dinagdee, nagaafi tasgabbii naannichaa fooyyessuuf qaama ijoo akka ta'uufi jedhan. Haa ta'u malee, " dhawaata keessa, keessattuu bara 2005 kaasee, IGAD dirqama isaa osoo hin ba'atin qofa hafe osoo hintaane "gocha badii", keessattuu Eertira irratti, raawwate jedhan. Dabaluunis, gochaan kun Ebla, bara 2007 Eertiraan miseensummaa ishee yeroof akka dhaabdu taasisee ture jedhan. Garuu, Waxabajjii, bara 2023 dhaabbanni kun of haaromsuun dogoggoroota duraanii ni sirreeffata jechuun itti deebi'uu himan. Haa ta'u malee, "dambiilee isaallee kabajuu dadhabuun, fudhatamaa isaa laaffisuun dirqama seeraa osoo hin ba'atin hafe jedha ibsichi. Kanarraa kan ka'e miseensummaa dhaabbatichaa ishee haquuf dirqamu eerte. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
244😭 12🫡 12🕊 10🥰 5😱 4🤯 3🤝 3👍 2
照片不可用在 Telegram 中显示
Haroon Kaalii Turkii argamu gara Cabbiitti jijjiiramee. Haroon Kaalii Turkiyeetti argamu gara qilleensa qorraatti jijjiirameera; haroon kun simbirroota Afrikaa irraa gara Raashiyaatti godaananii balaadhaaf saaxilaa jedhameera. Haroon kun sababa ho'i zeeroo gadi bu'uu isaatiin guutummaatti qorraan/ Cabbiin haguugamee jira Haroon Kaalii naannoodhaaf baayyee barbaachisaa dha. Hojiin isaa: 🔸 Simbirroonni godaantota kiiloo meetira kumaatamaan balali'aniif bakka nyaataa fi boqonnaa murteessaadha. 🔸 Madda nyaataa hoosistoota, bineensota bishaanii fi lafaa fi reptiles lafa jiidhina keessa Akkaa jiraataniiti gargara Cabbiin tasaa kun akka balaa ikoloojiitti kan ilaalamu yoo ta’u, gosoota godaantootaafis balaa fiduu danda’a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
178🤯 16👍 15🕊 7🔥 3👏 2
Barattooti full stack website development fi mobile app development barachuu feetan galmeen xumuramaa jira sababa ta’eef @jonamiyet qunnamuun galmaa’aa. Galmaa’uup Laptop/Desktop qabaachuun ykn argachuu danda’uun dirqama.
显示全部...
71🤬 12😱 11🏆 5🥰 3👏 1